Ji’oottan jahan darban damee albuuda irraa galii Doolaaraa Ameerikaa miiliyoonaa 300 fi miliyoona 40 argamu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksise

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Ji’oottan jahan darban damee albuuda irraa galii Doolaaraa Ameerikaa miiliyoonaa 300 fi miliyoona 40 argamu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksise.
Ministeerri Albuudafi Boba’aa bara bajata 2013tti ji’ottan jahaa keessatti hojiilee ijoo gurguddoo dhaabbilee itti waamamtootaa, Naannooleefi miseensota koree Eegumsa Qabeenya Uumamaa bakka bu’oota uummataa wajjin gamaggameera.
Ministeera Albuudaa fi Boba’aatti Ministirri Deettaan aadde Simaanyi Wubee galiin kun kan argamee Warqee kiiloo giraama kuma 4fi 112, Taantalamii toonii 26.97, Opaalii dheedhii kiiloo giraama kuma 1fi 625 fi Oppaalii soonni itti dabalamee kiiloo giraama 37.8 akkasumas faaya albuudaa kiiloo giraama kuma2fi 123 gabaa alaaf dhiyaachuun argamuu danda’eera jedhan.
Albuudni indaastirii fi Koonistirashinii gabaa biyya keessaaf dhiyaateen galiin Birrii biiliyoonni 1.7 argameera jedhame.
Damee kanaan lammiileen kuma 48 fi 785 carraa hojii kan uumameef yoo ta’uu ragaan Ministeera Albuudaa fi Indaastirii irraa argame ni agarsiisaa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment