Jimmaatti warshaan guyyaatti Oksijiinii liitira kuma 6 ol oomishuu danda’u eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2015 (FBC) – Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Jimmaatti warshaan guyyaatti Oksijiinii liitira kuma 6 ol oomishuu danda’u eebbifameera.

Hojii Gaggeessaan Inistiityuutii Fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Ahomed Zayinudin warshicharraa Oksijiiniin kallattiin siree dhukkubsattoota hospitaala keessatti yaalamaa jiran hundaatti akka geessuuf sararri dabarsoo diriirfamuu isaa ibsaniru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abafixaan gama isaanii, kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuuf tajaajila oomisha Oksijiinii ijaarame xumuramee hojii eegaluun isaa sababa hanqina Oksijiiniitiin dhukkubsatoota lubbuun isaanii darbu baraaruun ni dandessisa jedhan.

Har’a warshaan Oksijiinii tajaajilaf qophaa’e kun guyyaatti siliindarii 100 hanga 120 oomishuuf guutuu ni danda’a jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa sirna eebbaa kanarratti akka ibsanitti, Kolleejjiin Saayinsii Fayyaa fi Hospitaala Ispeeshaalaayizdi Yuunivarsiitii Jimmaa damee fayyaatiin tajaajila kennaa jiru dinqisiifachuun, oomishni Oksijiinii yaalaa kun hospitaala qofaaf osoo hin taane dhaabbilee fayyaa Kibba lixa Ityoophiyaa hanqina Oksijiiniitiin rakkachaa jiraniif dandeettii guddaa akka uumu ibsaniiru.

Hospitaalli Ispeeshaalaayizd Yuunivarsiitii Jimmaa waggaatti hanga Birrii miiliyoona 12 bittaa Oksijiiniif baasu kan hambisu dha jedhamera.

Warshaa Oomisha kun deeggarsa dhaabbilee mit-mootummaa PSA, fi USAID jedhamaniin hojjetamuu ibsameera.

Tasfaahun kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment