Jimmaatti misoomni Avokaadoo Alergeen daawwatame

Finfinnee, Hagayya 12, 2016 (FBC)-Godina Jimmaa Aanaa Mannaatti Avokaadoo sanyii filatamaa gabaa alaaf dhiyaatu daawwatameera.

Daawwannicharratti Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen akka jedhanitti, irree gamtoomeen hiyyumaa seenaa taasisuuf godinichatti bu’aa olaanaan galmaa’a jira.

Avokaadoon oomisha al ergee ta’uun, qonnaan bultoonni baay’inaa fi qulqullinaan akka oomishan taasifamuun, dinagdee biyyaa utubuu keessatti ga’e olaanaa qabaata jedhan.

Godinni Jimma duraan Buna qofa erguun beekamu yeroo amma omishaalee akka Avokadoo fi kanneen biroo erguu jalqabuu Bulchaan Godinichaa Obbo Tijjaanii Naasiir dubbataniiru.

Kutannoo ummataa fi hoggansa Godina Jimmaan badhaadhina ni mirkaneessinaas jedhaniiru.

Avokaadoon kilastara babal’aan aanaalee godinichaa keessatti misoomaa turan alergeef qaqqabuu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Wajjira Qonna Godina Jimma Obbo Mohamadxahaa Abba Fiixan gama isaaniin bara 2014 Avokaadoo kuntaala 50 gara biyya alaatti erguun akka eegalame yaadachiisanii, barana kuntaala 205 tti ol guddisuun akka danda’ame himan.

Avokaadoo godinichatti misoome gabaa alaaf dhiyeessuutti dabalataan zayiita oomishuuf Industirii Paarkii Jimmaaf kiiloo giraama miiliyoona 2.5 dhiyeessuun akka danda’ame eeraniiru.

Avokaadoo sanyii fooyya’aa ‘Haas’ jedhamu kuntaala kuma 1 fi 285 gabaa alaaf dhiyeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment