Jimmaatti miseensoonni damee raayyaa dubartoota raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC)- Godina Jimmaatti miseensoonni damee raayyaa dubartootaa raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Miseesoonni kunneen gochi garee juntaa ABUT raayyaa ittisa biyyaa Izzii kaabaa irratti raawwatees balaleeffataniiru.

Kanaafis dhiiga arjoomurra kaasee humnaa fi qabeenyaan raayyaa ittisa biyyaa cina ni akka dhaabbatan himaniiru.

Dameen raayyaa dubartootaa godinichaa bara darbee Hidha Haaromsaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 1.8 taasisanii turan.

Muktaar Xahaatu gabasee

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment