Jimmaatti kaafamtoota misoomaaf manni jireenyaa kenname

Finfinnee, Fulbaana 2, 2017 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa abbootii warraa sababa misoomaan kaafaman 48’f mana jireenyaa Birrii Miiliyoona 59.3’n ijaarame kenname.

Manneen jireenyaa ijaaramaan bilookii 12 yoo ta’an bu’uuraaleen misoomaa kan guutameef ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar dubbataniiru.

Abbootii warraa misooma dhalootaatu caala jechuun misooma deeggaran galateeffataniiru.

Bulchiinsa magaalichaa gandoota addaa addatti sababa walfakkaataan jiraattota kaafaman deeggaruuf manneen jireenyaa Birrii miiliyoona 100 oliin ijaarsisaa jiraachuus eeraniiru.

Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment