Jimmaatti Guyyaa Oomishtummaatti gaagurri kumni 1 qonnaan bultootaaf raabsame

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Magaalaa Jimmaa gandoota garaagaraatti Qaammee 4 “Guyyaa Oomishtummaa” sababeeffachuun gaagura ammayyaa kuma 1 ol ta’u qonnaan bultoota adda dureef raabsameera.

Saganticharratti Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa fi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Lataa Ashabbir akkasumas koreen qindeessituu hundii fi qooda fudhattoonni argamaniiru.

Obbo Najiib shamatuurraa gara oomishuutti ce’uu qabna jedhanii, Magaalaan Jimmaa misooma dammaatiif mijataa waan taateef magaalattii galaana dammaa taasisuuf jiraattonni damma oomishuurratti akka hirmaatan akeekuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment