Finfinnee, Hagayya 7, 2013 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti qaala’iinsa jireenyaan walqabatee daldatootaa waliin guyyaa har’aa mariin taasifameera.
Maricharrattis yeroo amma haala biyyi keessa jirtu akka carraa gaaritti fayyadamuun, daldaltoonni bu’aa isaaniif hin malle argachuuf jecha meeshaalee irratti gatii dabalaa akka jiraniidha kan ka’e.
Kanaan walqabatee too’annoo taasifameen daldaltoota 26 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa itti gaafatamaan waajjira daldalaa magaalichaa obbo Yaziid Abbaa Garoo himaniiru.
Kana males, manneen kusaa 30 irratti sakkata’iinsii godhamuusaati obbo yaziid dubbataniiru.
Daldallii seeraan alaa, nagahee malee bittaa fi gurguttaa gaggeessun, meeshaalee dhoksuufi daaltoonni qaala’insa jireenyaaf sababa ijoo ta’uun isaanii qo’annoon adda bahuunsaa himameera.
Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir, rakkicha furuuf waldaalee shammattoota cimsuun hojiitti akka galan ni taasifamaa jedhaniiru.
Kana malees, koreen too’annoofi hordooffi gaggessu hundaa’uu kan eeran obbo Tijaanin daldatoota sababa tokko malee gatii dabalanirratti tarkaanfiin barsiisaan akka fudhatamu dubbataniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.