Jimmaatti Buusaa ittisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2016 (FBC)- Godina Jimmaatti weerara dhibee buusaa fi dhibeewwan daddarboo biroo ittisuun haala danda’amuu irratti bulchitoota aanaalee fi hoggantoota dhaabbiilee fayyaa godinichaa waliin mari’atameera.

Itti Gaafatamaan Waajira Fayyaa Godina Jimmaa Obbo Fu’aad Saabit, dhibee buusaa yaaddeessaa ta’aa jiru ittisuuf hojiilee hubannoo fi ittisaa irratti xiyyeeffatamee hojjatamaa jira jedhaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniitiin, dhibeewwan daddarboo ittisuuf ogeeyyiin fayyaa fi hoggantootni aanaalee godinichaa qindoominaan hojjataa turuu himaniiru.

Haaluma kanaan muuxannoo baroottan darbanii fayyadamuun dhibee buusaa bifa weeraraan ka’e ittisuuf xiyyeeffannoon ni hojjatama jedhaniiru.

Godinichatti torban tokkotti namoonni kuma 9 fi 19 dhibee buusaan qabamuun himameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment