Jimmaatti Biqiltuu Baala Shaayee miiliyoona 32 ol sadarkaa gaariirra jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC)- Godina Jimmaa aanaalee 20 keessatti biqiltuun baala Shaayee miliyoona 32 fi kuma 900’f qophaa’uun kunuunsa taasifameen sadarkaa haala gaariirra jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa Obbo Tijjaanii Tamaam barana biqiltuu baala shaayee miliyoona 400 ol lafa hektaara kuma 28 olirraa dhaabuuf qophiin xumuramuu FBC’tti himaniiru.

Sanyii biqiltuu baala Shaayee kanaan dura bakka biroorraa fiduun dhaabamaa turan yeroo ammaa aanaalee shan keessatti akka misoomu taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Abdurrahmaan Mahammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment