Jimmaatti bara dhufu barattoota kuma 600 oliif tajaajila nyaataa dhiyeessuuf jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Bara dhufu Godina Jimmaatti barattoota kuma 600 oliif tajaajila nyaataa dhiyeessuuf karoorfamee hojjatamaa jira jedhame.

Godinichatti konfaransiin barnootaa gaggeeffameera.

Saganticharratti karoorri manneen barnoota bu’uura boruu bara 2015 fi sagantaan jalqabbii nyaata barattootaa dhiyaatee irratti mari’atameera.

Godinichatti bara 2015 barattoota kutaa 1ffaa hanga kutaa 4ffaa baratan kuma 600 oliif manneen barnootaa keessatti tajaajila nyaataa dhiyeessuuf karoorfamuun himameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godinichaa Obbo Eeliyaas Mohammad, godinichatti barana manneen barnoota bu’uura boruu 416 ijaaramuu himaniiru.

Ganna kanas manneen barnoota bu’uura boruu 857 ijaaruuf karoorfamuu eeran.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniitiin, misooma galmaan ga’uuf barnootarratti hoggansaa fi hawaasa hirmaachisuun hojjatamuu qaba jedhan.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment