Jilli Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu Godina Baaleetti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Mudde 13, 2016 (FBC)- Jilli Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamuu Godina Baaleetti hojiilee misoomaa garagaraa daawwateera.

Jillichi godinicha Aanaa Agaarfaatti kilaastara, qamadii, Kompostii, Inisheetiivii Dammaa, gabbisa loonii , Giddugala Makaanayizeeshiinii qonnaa ijaaramaa jiru, waldaalee oomisha Qamadii irratti gurmaa’uun hojjetaa jiran daawatamiiru.

Kana malees inisheetiivii qonnaa magaalaa, baayoo gaazii, kompoostii (xaa’oo Uumamaa) daawwataniiru.

Kana malees, Godinicha Aanaa Sinaanaatti kilaastara misooma qamadii daawwatan.

Daawwannicharratti Obbo Fiqaaduun akka jedhanitti, imala badhaadhinaa milkeessuuf hojiilee hojjetamaa jiran galma qabame milkeessuu akka danda’u inisheetivii qonnaa godina Baaleetti agarsiiftuudha jedhan.

Qonnaan bultoonni baay’inaa fi qulqullinaan omishuun, diinagdeen cimuu fi invastimantiitti ce’uuf kutannoon hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.

Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii gamasaan, godinichatti omisha midhaanii baratamaniin alatti xiyyeeffannaa mootummaan damee qonnaatiif kenneen inisheetiviiwwan biroon hojiirra oolaa jiran abdii qabeeyyii ta’uu himan.

Qonnaan Bultoonni Aanaa Sinaanaafi Agaarfaas, waggoottan lamaan darbanitti inisheetiviiwwan mootummaadhaan bocaman hojiirra oolchuun, jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuu bira darbanii diinagdeen of utubuu eegaluu himuu ragaan komiikeeshinii Baalerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment