Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Jilli Ugaandaa Bulchiinsa Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Ityoophiyaa daawwateera.
Jilichi guyyaa kaleessaa daawwannaa hojiif Finfinnee kan gale yoo ta’uu, har’a bulchiinsa Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Ityoophiyaa daawwateera.
Daayrektarri dhaabbatichaa Obbo Salamoon Sokkaan jilicha simachuun daawwachiisaniiru.
Giddugala misoomaa Ogummaa, Igzibiishinii Diijitaalaa fi sochii hojii biroo daawwataniiru.
Jilichi turtii Ityoophiyatti taasiisuun Afrikaa Bahaatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu, Shororkeessummaa ittisuuf tumsa biyyoota lamaanii cimsuuf marii gargaaru ni taasiisuun eegama.
Jilichi Ministir Deetaa Ministeera Alaa Ugaandaa Ookeelloo Ooriiyemii, ajajaa olaanaa humna lafarraa biyyattii fi Gorsaa olaanaa duula addaa Pireezidaanti Yuuweerii muuseeveenii Leetanaal Jeneraal Muhoozii Kiiruugaabaan kan of keessatti hamate ta’uu ibsameera.
Odeefannoo dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.