Jilli Sawud Arabiyaa miseensoota 50 of keessatti qabate Finfinnee gale

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) –Ministira Dhimmaa Alaa Sawud Arabiyaa Ahimad Alqaaxaaniin kan durfamuu fi miseensoota 50 kan qabu jilli gareen mootummaa fi daldalaa biyyatti Finfinnee galaniiru.

Garichi daawwannaa guyyaa sadiif kaleessa galgala Finfinnee klan galan.

Jilli kun buufata xiyyaaraa idila addunyaa Booleee si’a ga’u Ministiri Deettaan Ministira Dhimma Alaa aadde Hiruut Zamanee simannaa taasisaniiruuf.

Garichi turtii isaatiin qaamolee mootummaa garagaraa fi miseensoota diinagdee kutaa dhuunfaa waliin hariiroo Ityoophiyaa fi Sawud Arabiyaa cimsuu danda’u irratti marii ni taasisu.

Comments (0)
Add Comment