Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC)- Miseensonni Jila bizinasii olaanaa mootummaa Rppaabilkii Cheek Zooniiwwan Diinagdee Addaa Boolee Lammii fi Qiliinxoo daawwateera.
Jilichi Konkolaataa biyya keessatti kurfeessuu, oomisha galteewwan wal’aansaa, daldalaa fi dameewwan walqabatan biroo irratti bobba’uuf abbootii qabeenyaa fedhii qabanii fi qondaaltota olaanoo mootummaa kan hammate ta’uun ibsameera.
Hoji Raawwachiisaa Itti Aanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Zaman Juunaddii, onnachiistuuwwan zooniiwwan diinagdee addaatti kennaman, dameewwan invastimantii, fooyyessii diinagdee invastimantii alaa hawwachuuf taasifaman irratti ibsa kennaniiru.
Sababa fooyyessii diinagdeen yeroo ammaa fedhiin invastimantii alaa bal’aan mul’achaa jirachuu kaasaniiru.
Miseensonni jilichaa gama isaaniin, zooniiwwan diinagdee adda daawwatan haala mijataa qabaachuutti dabalataan, giddugaloota diinagdee biyyootaa guddatanii waliin kan dorgoman ta’uu hubachuu himuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia