Jilli Preezidaanti Shimallisiin durfamu Godina Baalee magaalaa  Roobee gale

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Jilli Preezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Baalee magaalaa  Roobee galeera.

Obbo Shimallisii fi Barreessaa olaanaan dhaabbata Baatii Diimaa Idil Addunyaa Emireetota Araba Gamtoomanii Faahad Abduramaan Biinsuulxan Siidaa Yaadannoo Jeneeraal Waaqoo Guutuu dabalatee Piroojektoota garaagaraa eebbisiisuuf Godina Baalee galaniiru.

Jeneraal Waaqoo Guutuun godinichatti gibirri guddaan qonnaan bultootarraa walitti qabamaa turus hojiin misoomaa naannichatti hojiirra oolaa waan hin turreef gaaffii  mirgaa gaafachaa qabsoo qonnaan bultoota Baalee hogganaa turaniiru.

Haaluma kanaan “gabrummaa hiddaan buqqifna dadhabnu ilmaan itti guddisna” jechuun qabsoo qonnaan bultoota Baalee eegalchiisan.

Waggoottan darbaniif uummanni godinichaa Siidaan goota kanaa akka dhaabbatuuf gaaffii dhiyeessus deebii osoo hin argatiin turuu eerameera.

Haa ta’u malee yeroo dhiyoo asitti gaaffichi debii argachuun siidaan goota kanaa Birrii miiliyoona 21’n ijaarame guyyaa har’aa kan eebbifamu ta’uu ibsameera.

Dabalataanis gamoon Bulchiinsaa godinichaa, manneen barnootaa afur, giddugalli wal’aansa dubartootaa fi daa’immanii fi proojektiwwan misoomaa gurguddoon 6 Preezdaant Shimallisiin ni eebbifamu jedhameetu eegama.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment