Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgan Xiruunah durfamu Samaraa gale

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) –  Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgan Xiruunah durfamu Samaraa gale.

 

Preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgan Xiruunah, Ministirri Galiiwwanii obbo Laaqaw Ayyaalaw fi hooggantoonni hojii mootummaa olaanoo  lammiilee balaa lolaatiin miidhaman deeggarsa taasisuuf naannoo Affaar magaalaa Samaraa galaniiru.

 

Jilichi buufata xiyyaaraa Sulxaan Alii Miiraah Hanfiiree Samaraa wayita ga’u preezdaantii mootumaa Affaar Awwal Arbaa dabalatee hooggantoonni olaanoo mootummaa naannichaa simannaa taasisaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment