Jilli preezdaant Shimallisiin durfamu ijaarsa zoonii diinagdee Addaa Gadaa daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Zaahoo Zhiyuuwaan durfamu bakka ijaarsa Zoonii diinagdee Addaa Gadaa daawwateera.

Zooniin diinagdee kuni Labsii Caffee Oromiyaa 226/2012’n bara 2012 kan hundeeffameedha.

Dursaan garee karooraa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Obbo Geetaachoo Girmaa akka ibsanitti, zooniin diinagdee kun lafa hektaara kuma 23 ol irratti kan ijaaramuu ta’uu kan himan.

Paarkiiwwan Indaastiri, zoonii gabaa bilisaa, zoonii Agroo Proseesingii, paarkii teeknooloojii, zoonii qonnaa fi bakka jireenyaa hojjettootaa dabalatee kutaalee hedduu of keessatti kan qabate ta’u himaniiru.

Kaayyoowwan hedduu of keessatti qabachuun kan hundaa’ee paarkichi Sharafa alaa argamsiisuu,carraa hojii uumuu, ce’umsa teeknooloojii qonnarraa gara indaastiritti taasifamuu fi guddina diinagdee waliigalaa si’eessuuf kan kaayyefateedha jedhaniiru.

Yidnaqaachoo Haayilamaariyaamtu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment