Jilli Pr.MNO Shimallis Abdiisan durfamu GAONF Aanaa Aqaaqii oomiisha qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Sadaasa 6, 2013 (FBC) – Jilli Preezadaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan durfamu Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqii oomiisha qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwate.

Jilli Preezadaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan durfamu Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Aanaa Aqaaqii oomiisha qamadii jallisiin misoomaa jiru daawwachuun rakkoo qonnaan bultootaa gaafatan.

Jireenya qonnaan bultoota naannawa Finfinnee jiran foyessuuf Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan hojjatamaa jira jedha Preezadaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.

Oomisha Misooma qamadii jallisii barana akka Oromiyaatti hektaara kuma 300 oomishuuf karoorfame keessaa hektaarri kuma 17, Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti oomishamu kan himan Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee obbo Girmaa Hayluu innis 22% jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment