Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Jilli pireezidaantii bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamuu hojii misoomaa baala Shaayii godina Iluu Abbaa boor aanaa Aallee buufataa biqilaa baalaa shaayii Gumaaroo daawwateera.
Daawwanicha irratti Waajjirraa Muummee Ministeeratti itti gaafatamaan Damee Qunnamtii Uummataa fi Hariiroo Idil_Addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa dabalaatee,hogganaa Biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu, hawaasni godinichaa ,abbootini gadaa fi qaamoolee biroo argamaniiru.
Hojiin misooma baala Shaayii Gumaaroo abbootti qabeenya biyyoota alaan bara 1920 godina Iluu Abbaa Boor aanaa Aalleetti kan jalqabe ta’uu himameera.
hojii misooma biqila baala Shaayii godina Iluu Abbaa Boor keessatti hojjetama jirurraa bu’aa gaariin argamuus himameera.
Misooma baala Shaayii kana aanoolee godinicha shan keessatti babal’isuun hojjetamaa jiraachuus eerameera.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.