Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojiilee misoomaa daawwachaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojiilee misoomaa daawwachaa jira.

Jilli kun waayita Magaalaa Shaambuu qaqqabu simannaa hoo’aan taasiifameera.

Nageenya mirkaneessuu cinaatti hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

Faayyadamummaa hawaasa Godinichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Jilli Hoggantoota Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi naannoo Oromiyaa of keessatti hammate kun hojiilee misoomaa daawwachaa jiraachuu eerameera.

Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu kun pirojektoota garaa garaa eebbisiisuuntajaajila hawaasaaf banaa taasisuu himameera.

Maartaa Getaachoo fi Dassaalenyi Abarraatu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment