Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Harargee Lixaatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan durfamu Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddeetti hojiilee misoomaa garaa garaa daawwateera.

jilichi piroojektii Finnaa Aanaa Horsisee Bulaa Gumbii Bordoddee Ganda Godaa Callee Birrii miiliyoona 438 oliin hojjetame daawwateera.

Pirojektichi bishaan roobaa meetirkuubii miiliyoona 1fi kuma 35fi 898 ol cimmisuu danda’a jedhame.

Lafa hektaara 250 ol misoomsuu akka danda’us eerameera.

Jilli kun hojiilee misoomaa gara garaa Baha Oromiyaa Godinaalee Harargee lamaan keessatti hojjetamaa jiran ni dawwataan kan eegamu ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment