Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultumitti kilaastera Boqqolloo daawwatan

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultumitti kilaastera Boqqolloo daawwateera.

Qonna Gannaan lafa hektaara miiliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 9 fi kuma 605 fi 443 misoomuufi kana keessaa boqqolloon lafa hektaara kum 1 fi kuma 847 fi 973 irratti misoomuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun himaniiru.

Lafa hanga ammaatti misoome keessaa hektaarri miiliyoonni 7 fi 656 fi 205 kilaasteraan faca’ee kunuunfamaa jiraachuu Obbo Geetuun eeraniiru.

Godina Harargee Lixaattis Qonna Gannaan lafti hektaarri kumni 525 ol misoomuufi kana keessaa boqqolloon lafa hektaara kuma117 irratti misoomuu himameera

Pireezidaanti Shimallis godina Harargee Lixaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin jajjabeessaan qonnarratti hojjetamaa jiraachuufi hojii kana caalmaan babal’isuun hawaasa eeggattummaafi gargaarsa jalaa baasuuf hojjechuufi qusachuun barbaachisaa ta’uu kallattii kaa’uu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment