Jilli Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Booranaatti misooma Nyaata Beelladaa daawwate

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Booranaa Aanaa Aanaa Eelwayyaatti misooma nyaata beelladaa daawwateera.

Godina Boorana Aanaa Eelwayyeetti marga nyaata horiif misoomee sassaabama jiru daawwateera.

Aanichatti Nyaanni Beelladaa lafa Hektaara kuma 63 irratti misoomaa jiru daawwateera.

Waliigalaan Godina Booranaatti nyaanni beelladaa lafa hektaara kuma 650 ol irratti misoomaa jiraachuu ibsameera.
Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii fi Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoo Oromiyaa biroon misooma nyaata beelladaa kana daawwataniiru.

Maraa’ool Kadirii fi Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment