Jilli Pir. Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Gujiitti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwate

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)-Jilli Pireeszidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Gujiittii Hojiilee misoomaa garaagaraa daawwateera.

halauma kanaan jilichi Aanaa Adoolaa Reeddeetti Boqqollo kilaastaraan misoomee fi Buna kilaastaraan misoomaa jiru daawwateera.

Daawwannicharratti Pireezidaanti Shimallisa Abdiisaa dabalatee, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Godina Gujiitti bara kana lafa hektaara kuma 160 fi 414 oomisha gosa garaagaraan uwwifame keessaa Boqqolloon lafa hektaara kuma 92 fi 823 kan misoome yoo ta’u, hektaarri kuma 57 fi 188 kilaastaraan misoomaa jiraachuun himameera.

Oomisha waliigalaa godinichatti oomishame kanarraas callaan kuntaalli miiliyoona 3 fi kuma 570 fi 246 akka eegamu himameera.

Bifuma walfakkaatuun Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu Godinaichaa Aaanaa booreetti misoomaa qabeenyaa beeyldaa qindaa’aa daawwateera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment