Jilli Paartii Sosochii Biyyaalessa Ugaandaa Yaa’ii jalqabaa Paartii Badhaadhinaarratti hirmaachuuf Finfinnee gale

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) –Jilli Paartii ‘biyyaalessaa Feeziistaanis Muuvmant Ugaandaa’ Yaa’ii jalqabaa Paartii Badhaadhinaa har’aa eegalee gaggeeffamurratti hirmaachuuf Finfinnee galeera.

Itti aanaa dura taa’aa Paartichaa Alpeer Siimoon Piitar, Miseensi koree hojii raawwachiiftuu biyyaalessaa Miis Agaataa Naalubwaam fi Daayreektarri Hariiroo Alaa paartichaa Awiichi Poolaar barii kana Finfinnee galaniiru.

Keessummoonni kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an hoggantoota mootummaa olaanoon simatamaniiru.

Paartiin Sosochii Biyyaalessaa Feeziistaanis Ugaandaa bara Faranjootaa 1986 Preezdaantii biyyattii yeroo ammaa Yuuweerii Muuseeveeniin kan hundaa’eedha.

Maddi :-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment