Jilli olaanaan DhMG haala hongee fi rakkoolee misooma hawaasaa irratti mari’achuuf Jigjigaa gale

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC)- Jilli olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haala hongee fi rakkoolee misooma hawaasaa naannichaarratti mari’achuuf Jigjigaa galeera.

Jilichi magaalaa Jigjigaa buufata Xiyyaaraa Garaad Wiilwaal wayita ga’u hogganaan biiroo Maallaqaa naannichaa obbo Abduraahimaan Ahimad fi hoggantoota olaanoo naannichaatin simannaan taasifameeraf.

Ityoophiyaatti Komishinarri olaantuun dhimmoota namoomaa dhaabbatichaa Dooktar Kaatriin Sooziin Ityoophiyaatti Daayrektara olaanaa Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Tuurhaan Saaleehi waliin ta’uun preezdaantii naannichaa obbo Muusxafee Muhaammad Umar waliin mari’ataniiru.

Jilichi mootummaa naannichaa waliin haala lammiilee hongeen miidhaman deebisanii dhaabuun danda’amurrattii fi  karoora hojiilee proojektiiwwan misoomaa  haala hojiirra oolchuun danda’amurratti waliigalteerra ga’uu ibsameera.

Dabalataanis hongee naannichatti irra deddeebiin mudatu ittisuuf waliigaltee proojektiiwwan misoomaa waggota 5 waliif mallatteessuu ragaan Biiroo kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment