Jilli obbo Umar Huseeniin durfamu aanaa Naannawaa Dasseetti hojii misooma sululaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseeniin durfamu aanaa Naannawaa Dasseetti hojii misooma sululaa Xabaasiit daawwate.

Hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bara kanaan lafa heektaara kuma 43 ol irratti hojiin misooma sululaa hojjetamuu hogganaan Qajeelcha Qonnaa godina Walloo Kibbaa obbo Ahimad Gaaloon ibsaniiru.

Hojiilee misooma sululaa moodela ta’an 46 irratti misooma kuduraa fi muduraan dargaggoota 285 oliif carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojii misooma sululaa Xabaasiit kanaan lafa heektaraa 2 irratti dargaggoonni 25 gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee misoomsuuf qophiirra jiraachuu eeraniiru.

Daawwanicharratti Ministira Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseeniin dabalatee hoggantoonni olaanoon naannoo fi godinichaa argamuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment