Jilli Obbo Tamasgeen Xurunaan durfamu Godina Shabaleetti misooma Ruuzii gaggeeffame daawwate

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- Ministira Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa fi qondaaltoonni sadarkaa federaalaa Naannoo Somaalee Godina Shabalee naannawaa Godeetti misooma ruuzii gaggeeffame daawwachuun sirna walitti qabuu oomishichaa eegalchiisaniiru.

Saganticharratti Obbo Tamasgeen Xurunaa dabalatee Pireezidantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddigala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah, Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi qondaaltonni biroon hirmaataniiru.

Obbo Tamasgeen daawwanicharratti akka jedhanitti dameen qonnaarratti xiyyeeffanaa olaanaan hojjetamaa jira.

Mootummaan xiqqaarraa eegaluun guddisuu fi babal’isuu qabatamaan agarsiisa akka jirus dubbatan.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen fedhii Ruuzii dandeetti ofiin uwwisuuf hojjetmaa akka jiru ibsani, yeroo ammaas %50 oomisha biyya keessaan uwwisuun akka danda’ame eeran.

Oomishaa fi omishtummaa cimsuu keessatti Qamadii fi Garbuu Biiraattii aansuun oomishaa Ruuzii biyya keessaan uwwisuudha jedhaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad gama isaaniin, yeroo jalqabaaf jallisiiin kan misoome Ruuzii walitti qabuun dandeettii oomishtummaa naannichaa kan akeekuudha jedhan.

Jalqabbiin kunis beekumsa qonnaa naannichaa fi ce’umsa teeknooloojiif faayidaa akka qabu eeranii, fuulduratti hojiilee qonnaa lafa jirurratti hojjetamaniin yaadamni of danda’uu qabatamaan ni mirkanaa’a jedhaniiru.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment