Jilli obbo Shimallisiin durfamu Gamoo Waajjira bulchinsa godina Arsii eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (FBC) – Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Gamoo Waajjirra bulchinsaa godina Arsii eebbisiiseera.

Godina Arsii magaalaa Assallatti Gamoon Waajjirra bulchinsa Godina Arsii Birrii miiliiyona 84 oliin ijaarrame guyyaa har’aa eebbifameera.

Gamichi bakka Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamanitti sirna hoo’aan eebbifameera

Gamoon kun Seektaroota 5 kan tajaajilu yoo ta’u, Kaafee dabalaate mana kitaabaa, galma wal gahii fi gidduu gala ICT qaba jedhame

Miidhaksa Qachaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment