Jilli Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu, qophii biqiltuu Asharaa magariisaa buufata biqiltuu Moojoo daawwate

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu, qophii biqiltuu Asharaa magariisaa fi buufata biqiltuu avokaadoo Moojoo daawwateera.

Daawwanicharratti obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee Ittaantuun Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoo fi hoggantoonni olaanoon biroo argamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoottaan sadan darban oomisha qonnaa dabaluufi ashaaraa magariisaarratti fuulleffatee hojii hojjeteen, bu’aa abdachiisaan argamaa jiraachuu Obbo Shimallis Abdiisaan daawwanicharratti ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa oomisha qonnaa dabaluun jiruufi jireenya hawaasa baadiyyaafi magaalaa jijjiiruuf hojjetaa jiraachuu eeruun, kayyoolee gurguddoo afur ; wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu,oomisha alaa galu xiqqeessuun oomisha biyya keessaan bakka buusuu, al ergii guddisuufi carraa hojii uumuurratti fuulleffatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Karoora badhaadhina baadiyyaa giddugaleeffate baafachuun hojjechaa jiraachuu kaasuun, karooricha  galmaan gahuuf baay’ina, saffisaafi qulqullinarratti fuulleffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Waajjira Preezdaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment