Jilli Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Magaalaa Shaashamanneetti daawwannaa taasisaa jira

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)-Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Arsii lixaa Magaalaa Shashamanneetti daawwannaa hojiilee misoomaa garagaraa taasisaa jira.

Jilichi Magaalattii Kuta Magaalaa Bishaan Gurraachaatti kilaastara horsiisa loonii sanyii fooyya’aa daawwateera.

Kana malees, oomisha Boloqqee kilaastaraan misoomuun gabaa alaaf dhihaatu daawwataniiru.

Jilli kun hojiilee misoomaa gara garaa Godinichatti hojjetamaa jiru ni daawwatan kan eegamu ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment