Jilli obbo Shimallis Abdiisaan durfamu magaalaa Jimmaa gale

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC) – Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Durfamu Magaalaa Jimmaa galeera.
Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu daawwannaa hojiif magaalaa Jimmaa galeera.
Jilichi yeroo ammaa oomisha qamadii jallisiidhaan godina Jimmaa keessatti oomishamaa jiru keessaa oomisha qamadii jallisiin aanaa Saqqaatti oomishamee sassaabamaa jiru daawwataa jira.
Qonnaan bultoonni qamadii jallisiidhaan oomishan mootummaan deeggarsa oogummaa fi teeknoolojiiwwan kanneen akka janireetaraa argataniin qamadii waqtii gannattillee oomishanii hin beeknellee oomishuu dandenyee jedhan.
Godinichatti oomishni qamadii jallisiidhaan oomishame yeroo jalqabaaf kombaayinaraan sassaabamuunii fi calleeffamaa jira.
Qonnaan bultoonni bara dhuftu kan kan duraa caalaa bal’inaan oomishuu waan barbaannuuf mootummaan deeggarsa isaa akka itti fufuu gaafataniiru.
Afawarq Alamuu fi Bizu’aaleem Beenyaatu gabaase
Afawarq Alamuu fi Bizu’aaleem Beenyaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
0
People Reached
0
Engagements
Boost Post
Like

 

Comment
Share
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment