Jilli obbo Shimallis Abdiisaan durfamu magaalaa Awwadaay gale

Finifnnee, Fulbaana 30, 2013 (FBC) – Jilli Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan durfamu magaalaa Awwadaay ga’e.
 
Jilli kun ijaarsa Giddugala gabaa Jimaa Awwadaayitti ijaaramu eegalchiseera.
 
Giddugalli gabaa kun Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 30 oliin kan ijaarramu ta’uu ibsameera.
 
Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiirama dhufe lafa qabsisuu fi jireenya hawaasaa jijiiruuf xiyyeeffannoon hojjacha jira jedhan Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan.
 
Obbo Shimallisa Harargee Bahaatti guyyaa har’aa qofa Proojektoonni garagaraa Birrii biiliyoona 2.1 ijaarraman ni jalqabamu jedhan.
 
Mallattoon gootaa inni dhumaa fi jalqabaa jaalala kan jedhan Preezdaanti Shimallis; oromoon karaa jaalalaan moota’ata jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment