Jilli Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Bahaatti biqiltuu sanyii filatamaa Avokaadoo dhaabe

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti biqiltuu sanyii filatamaa Avokaadoo dhaabuun, misooma Paappayyaa filatamaa baatiwwan saddeet dura dhaabachuun firii gaarii kenne daawwateera.

Baroota sadan darban hojiileen misooma biqiltuu nyaataaf oolan dhaabuu eegalame daandii sirrii qabachuu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Hojii misooma Avokaadoorratti jalqabameen bu’aansaa baayyinaa fi qulqullinaan oomishamuun biyya alaatti erguun, sharafa argamsiisuu eegaluu dubbataniiru.

Bara kanas sanyii Avokaadoo filatamaa miiliyoona 2 lafa heektaara kuma 3 irratti kilaasteraan dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Jilichi itti fufuunis aanaa Dugdaatti Paappayyaa kilaasteraan misoome daawwachuun qonnaan bultoota jajjabeessuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment