Jilli obbo Shimallis Abdiisaan durafamu Godina Shawaa Lixaatti ooyruu boqqoolloo kilaastaraan misoome daawwachaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) – jilli obbo Shimallis Abdiisaan durafamu Godina Shawaa Lixaatti ooyruu boqqoolloo kilaastaraan misoome daawwachaa jira.

Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durafamu daawwannaa hojii guyyaa lammaffaan Godina Shawaa Lixaatti ooyruu boqqoolloo kilaastaraan misoome daawwachaa jira.

Godinichatti lafti heektaara kuma 88 ooyruu boqqoolloo kilaastaraan misoome ta’uu ibsameera.

Lafti heektaara kuma 600 fi kuma 12 fi 490 oomishaa garagaraan kan uwwifame yoo ta’u, callaan kuntaalaa miliyoona 22 ni argama jedhameet eeggama.

Obbo Shimallis kanaan dura lafti heektaarri kuma 300 qofti kan uwwifamu kaasuun wayita ammaa kilaastaraan heektaara miiliyoona 2.2 uwwifamuu danda’eera.

Garbuu biiraaf kanaan dura ba’aa kan ture hanga Doolaara miiliyoona 200 hambisuun danda’amuu ibsaniiru.

Bara kana lafa heektaara kuma 600 irratti qamadii oomishuun waggaatti ba’aa kan ture hanga Doolaara biiliyoona 1 hambisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Afawarqi Alamuutu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment