Jilli Obbo Ristuun durfamu Interpiraayizoota carraa hojii uumuun gurmaa’aan daawwate

Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) – Jilli Pireezidaantiin Naannoo Ummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawun durfamu godina Walaayittaatti Interpiraayizoota carraa hojii uumuun gurmaa’aan daawwateera.

Daawwanicharratti Pireezidaantii naannichaa Obbo Riistuu Yirdaaw ,Itti aanaa Pireezidaantii naannicha Obbo Tasfaayee Yigaazuu fi qondaaltonnii olaanoon mootummaa naannichaa biroon argamaniiru.

Jillichi godina walaayittaa Aanaa Daamoot Sooreetti argamuun Intarpiraayizootaa misooma midhaanirratti hojii bu’aa qabeessaa hojjetan daawwachuu ragaan Kominiikeeshinii Godinaa Walaayyittaarra argamme ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment