Jilli obbo Qajeelaa Mardaasaan durfamu Akkaadaamii Ispoortii Ityoophiyaa daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan durfamu Akkadaamii Ispoortii Ityoophiyaa daawwateera.

Akkaadaamiin Ispoortii Ityoophiyaa Ispoorteessitoota ciccimoo biyya bakka bu’an horachuuf bara 2006 hojii kan eegale yoo ta’u, yeroo ammaa gosoota ispoortii 10’niin leenjii kennaa jira.

Jila kanaaf haala leenjiiwwan akkadaamicha keessatti kennamanii, filannoo ispoortessitootaa, dorgommii madaallii fi dhimmoota biroo irratti ibsi kennameefiira.

Akkaadaamichi erga leenjii eegalee ispoortessitoonni 669 gara kilabootaa galchuu fi leenjitoonni 259 ammoo Garee Biyyaalessaaf filatamaniiru jedhame.

Sadarkaa addunyaatti meedaaliyaawwan 17 ispoortessitoota akkadaamichaarraa bahaniin argameera.

Minisitirri Ministeera Aadaafi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaan, Akkadamichi guddina Ispoortii biyyaatiif bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsuun,hojii kana cimsee itti fufuu qaba jedhan.

Akkadaamichi barana leenjitoota 174 filachuuf gamaaggamarra jiraachuunis ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment