Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC) – Jilli abbootii qabeenyaa Ministira Ministeera Daldalaa fi Indastirii obbo Malaakuu Allebaliin durfamu lammiile Maayixabirii buqqa’aniif deeggarsa taasiiseera.
Weerara gareen shororkeessaa ABUT Kaaba Goondaritti taasiiseen jiraattoota Dabaarq, Daabaatii fi naannawaa isheerra miidhan qaqqabu ibsameera.
Manneen jireenyaa 100 ol guutuumaan guutuutti barbadaa;uu fi lammiileen nagaa hedduun ajjeefamuu himamera.
Naannichatti hanga ammaatti lammiileen nagaa 200 ol ajjeefamuu fi namoonni 120 as buuteen hin argamne jedhame.
Aanaa Dabaarq ganda Boozaa Abrahaamitti qofa lammiileen kumni 15 rakkoof saaxilamuu ibsameera.
Jilli abbootii qabeenyaa Ministira Ministeera Daldalaa fi Indastirii obbo Malaakuu Allebaliin durfamu lammiilee kanneenif deeggarsa garaagaraa taasiisuu ibsameera.
Eeliyaas Annimuutiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.