Jilli obbo Jaanxiraar Abbaayiin durfamu kutaa bulchiinsa Addis Katamaatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Jilli Ittaanaa Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaayiin durfamu kutaa bulchiinsa Addis Katamaatti hojiilee misooma kuduraalee fi muduraalee fi bu’uuraalee misoomaa daawwateera.

Daawwannaa isaaniin hojiilee jajjabeessa ta’an daawwachuu obbo Jaanxiraar ibsaniiru.

Hojiin misooma kuduraalee fi muduraalee bal’inaan hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.

Dabalataan Ijaarsa Dirree Asfaawuu fi ijaarsa Buufata Fayyaa Aanaa 14 daawwachuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment