Jilli Obbo Guyyoo Galgaloon durfamu Piroojektoota Invastimantii kutaa magaalaa Galaaniitti hojjetamaa jiran daawwate

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa kantiibaa magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloon durfamu Piroojektoota Invastimantii kutaa magaalaa Galaaniitti hojjetamaa jiran daawwateera.

Kaayyoon daawwaannaa kanaas bu’a qabeessummaa Invastimantii dabaluufi Invastimantoota bu’aa gaarii argamsiisaan jajjabeessuufi Invastaroota haaraa hawwachuuf ta’uu Obbo Guyyoon himaniiru.

Kutaa magaalichaatti abbootiin qabeenyaa garaagaraa Invastimantiiwwan 611 irraatti babba’anii hojjechaa jiraachuu bulchaan kutaa magaalaa Galaan Obbo Kiflee Calqabaa himaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment