Jilli Obbo Guyyoo Galgaloon durfamu hojii misoomaa Magaalaa Duukam daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Jilli Hogganna Biiroo Misooma magaalaa fi Manneen Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloon durfamu Hojiilee misoomaa Magaalaa Duukam daawwateera.

Piroojektiiwwan Misooma Magaalaa Duukamitti Birrii miiliyoona 98 oliin ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Manneen harka Qaleeyyii, giddu gala gabaa fi manneen qusannaa baajata bulchinsa magaalaan ijaarame har,a dabarfameera.

Inisheetiviiwwan 3’n Duukamitti jalqabii gaarira jiraachu kan dubbatan Obbo Guyyoon muuxxannoon kun babal’achu qaba jedhan.

Piroojektootni daawwataman hedduun xumuramu kan himan Kantiiban Magaalaa Duukam Obbo Abduljaliil Abdurroo kan hafanis yeroo gabaaba keessatti goolabama jedhaniiru.

Hirphoo Shibootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment