Jilli Obbo Geetuun durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaatti hojii kunuunsa qabeenya Uumamaa daawwate

Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaatti hojii kunuunsa qabeenya Uumamaa daawwateera.

Sagantaan cufiinsa hojii eegumsa biyyee fi misooma Sululaa bara 2015 Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaatti bakka Gaara Geelee jedhamutti gaggeeffameera.

Iddoolee hojiin misooma Sululaa irratti hojjatamerra biqiloota nyaataaf oolan dhaabuun madda galiitti jijjiiruuf hojjatamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetaahun Nigaatuun himaniiru.

Obbo Geetuun hojiilee eegumsa biyyee fi Bishaanii aanichatti hojjataman dinqisiifataiiru.

Jilichi iddoolee eeggumsa biyyoo fi Bishaanii hojjetamerratti biqiltuus dhaabuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment