Jilli Obbo Geetuun durfamu giddu-gala baayyisa Sanyii Kormaafi Naayitiroojinii Naqamtee daawwate

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu giddu-gala baayyisa Sanyii Kormaafi Naatiroojinii Naqamtee daawwateera.

Giddu-Galli Naayitiroojinii baayyisuu akka Oromiyaatti bakka Saddeetitti kan argamu yoo ta’u, giddu-galoonni kunneen humna guutuun akka hojjetaniif hanqinoota jiran furuuf bara kana xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti aanaa Hogganaa fi Itti gaafatamaan Damee Misooma Beelladaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Toleeraa Dabalaan ibsaniiru.

Loon sanyii fooyya’oo baayyisuun misooma aannaniifi fooniirraa qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf giddu-galoonni sanyii kormaa baayyisuuf naayitiroojinii humna isaanii cimsuun murteessaa ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu eeruu ragaan Biiroo Qonnaan Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment