Jilli obbo Geetuu Gammachuun durfamu ooyiruu qonnaa godina Baalee daawwate

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC)- Jilli itti aanaa hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun durfamu Ooyiruu Qonnaa godina Baalee aanaa Agaarfaa fi Sinaanaa daawwate.

 

Godinichatti bara oomishaa kana lafa hektaara kuma dhibba 2 fi kuma 55 fi 920 oomishaan uwwifame keessaa hektaarri kumni 84 kilaasteraan kan misoome ta’uu ibsameera.

 

Oyiruun qonnaan bultoota godina Baalee aanaalee Agaarfaa fi Sinaanaa oomishaa qamadii paastaa, makoroonii fi daabboo akkasumas garbuu biiraa kilaasteraa jallisiin faca’e jila obbo Geetuu Gammachuun durfamuun daawwatameera.

 

Itti gaafatamaan Waajjira qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godina Baalee obbo Aliyyi Mohaammad akka godinichaatti lafa hektaara kuma dhibba 2 fi kuma fi 920 misoome keessa hektarri kumn 84 ol-kilaasteraan kan misoome ta’uu eeraniiru.

 

Hojiin kutannoon hojjechuu qonnaan bultoota aanaalee kanneenii kanneen biroof muuxannoo olaanaa ta’uu akka danda’u itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu eeraniiru.

 

Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment