Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Jimmaatti Boqqolloo kilaasteraan Misoome Daawwate

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa fi Oomoo Naaddaatti Boqqolloo Kilaasteran misoome daawwate.

Bara kana Oomisha Boqqolloo lafa heektaara miiliyoona 1.7 irratti misoomsuuf karoorfamee keessaa %85 sanyiin uwwifamuu Obbo Geetuun himaniiru.

Godinichatti bara kana lafa hektaara kuma 820 qonna gannaan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment