Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Jimmaa aanaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti Qamadii Jallisii Bonee facaase

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Jimmaa aanaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti Qamadii Jallisii Bonee facaaseera.

Naannoo Oromiyaatti bara kana Jallisii Bonaan Qamadii lafa hektaara miiliyoona 2.6 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona105 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 2 fi kuma 10 qopheessuun hektaarri miiliyoonni1.5 olii sanyii qamadiin uwwifamuu himaniiru.

Godina Jimmaatti bara kana misooma qamadii Bonaatiin lafa hektaara kuma 400 tahu misoomsuuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun lafti hektaarri kuma 400 fi kuma 8 facaasuun danda’amuu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir himuu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment