Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu aanaa Lumeetti duula kunuunsa biqiltuu ashaaraa magariisaa eegalchiise

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti duula kunuunsa biqiltuu ashaaraa magariisaa bara 2016 eegalchiiseera.

Biqiltuu Ashaaraa magariisaa Ganna darbe dhaabbate itti fufiinsaan kunuunsuun galma barbaadameef oolchuuf guyyaa har’aa kunuunsi biqiltuu labsameera.

Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun fi Itti Aanaa Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Uummataa dabalatee bakka hoggantoonni mootummaa naannichaa hedduun argamanitti sagantichi eegalamuu ragaan BQO irraa argame ni mul’sa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment