Jilli obbo Geetuu Gammachuun durfamu aanaa Itayaatti misooma Abukaadoo daawwate

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Jilli Itti aanaa hogganaa Biiroo Qonnaa fi qabeenya Uumamaa obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Arsii Aanaa Itayyaatti hojii muuxannoo misooma Abukaadoorratti hojjetamaa jiru daawwateera.

Barsiisaa Darribee Tonkoluu barsiisaa Baayiloojii mana barumsaa sadarka 2ffaa Itayyaa yoo ta’an, ogummaa barsiisuurratti dabalataan yeroo boqonnaa isaaniitii hojii qophii biqiltuu sanyii filatamaa abukaadoo fi misooma isaarratti hojjechuun jiru jedhameera.

Hojii misooma Abukaadoo kanaarrayis  waggaatti hanga Birrii kuma 500 argachaa jiru jedhameera.

Hojii kana mana barumsaatti barattoota shakalisiisuurra darbanii bakka qophii buufata biqiltuu sadarkaa isaa eegalterratti biqiltuu qopheessuun bakka daawwannaa fi shaakala barattootaa taasisuurra darbanii ogummaa isaaniitiin misooma biqiltuu sanyii filatamaa kana qopheessuun Qonnaan bultoota naannoo isaaniitiif dhiheessaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa fi qabeenya Uumamaarra argamee ni muul’dhisa

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment