Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Aanaa Daaboo Haannaatti kilaastera Atoo-boonsituu daawwatan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2015 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Buunnoo Baddallee Aanaa Daaboo Haannaatti kilaastera Atoo-boonsituu daawwateera.

Bara kana, oomishaalee al-ergee baayyina, qulqullinaafi hariitiin misoomsuun dinagdee Qonnaan/horsiisee bultootaafi biyya guddisuun imala badhaadhinaa milkeessuuf hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.

Akka Oromiyaatti oomisha al-ergee Atoo-boonsituu F. Ato-boonsituu lafa hektaara kuma 600 irratti misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 359 fi 659 qophaa’uun hektaarri kumni 293 fi 649 faca’uu Itti aanaa hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Qonnaa Biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaan ibsaniiru.

Akka Godina Buunnoo Beddelleettis, Atoo-boonsituu lafa hektaara kuma 47 fi 732 irratti misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 36 fi 754 irratti faca’ee kunuunfamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Geetuu Guddataan eeruu ragaan BQO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment