Jilli Obbo Gabremasqal Caalaan durfamu buufataalee furdisa Loonii Adaamaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabremasqal Caalaan durfamu buufataalee furdisa Loonii Adaamaatti argaman daawwateera.

Kaayyoon daawwannichaa rakkoolee damichaan jiru furuun Al ergii guddisuuf ta’uu ibsameera.

Daawwannicharratti Ministir DeetaaMinisteera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa Obbo Kaasahuun Goofee dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee argamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment